Haallii fi ariitiin ittiin oofaniin jedhamu kan maanguddoo fi ga’eessaa gar gar ta’uu kan kaasu, Gaashaaw walaloo Oofanii kan hawaasa keessa jiru akkanaan himaniiru.
Namni baasu Gareedhaan kan jalaa qaban:
Oofaan Oofan Oofaan Oofan
Oofaa soolee Oofaan Oofan
Oofaan oolee Oofaan Oofan
Oofaan muka gamaa Oofaan Oofan
Oofaan yaa waleensuu Oofaan Oofan
Oofaan Abbaa Gadaa Oofaan Oofan
Oofaan mul’ataakoo Oofaan Oofan
Oofaan ya bareedduu Oofaan Oofan
Abbaa re’ee Oofaan Oofan
Re’een dhaltee Oofaan Oofan
Yaa gaariikoo Oofaan Oofan
Abbaa qe’ee Oofaan Oofan
Qe’een baddee Oofaan Oofan
Gaafa lolaa Oofaan Oofan
Lolat’ erguu Oofaan Oofan
Gaafa tolaa Oofaan Oofan
Tolat’ erguu Oofaan Oofan
Oofanii abbumti arge hin jedhu, “abbaan fe’e [arge] oofanii hin jedhu [hin baasu]. Sagalee bareedaadhaan jedhama.
Sagaleen kiiloleen barbaadamee, wellisaan sirba baasuu fi nama walaloo walaleessuu [danda’u], gichillaa namaa [kan] ennaa utaalu [miidhagu], meeshaan [ulee] inni mirmirsu kan irraa adeemu, dhankal dhankal jedhee utaalee, quphanee ka’ee” nama sirnicha bareechutu filatama jechuun ibsu Gaashaw.
Sirna boo’ichaa, oofanii qofa otoo hin taane aadaan Oromoo ganamaa kaan illee sababoota babal’achuu magaalaafi amantaalee gurguddoo biyya keenyaa irraa kan ka’e akka hafaa deemaa jiran himu qorataan kun.
“Namni baadiyyaarraa buqqa’ee gara magaalota gara garaatti galuun jireenyasaa geggeessa.
''Duudhaan magaalaa kan inni boo’icha, cidha, gootummaa ittiin ibsatu kan ofiisaa yookaan kan aadaa ganamaa akka garraamummaaf gowwummaatti fudhata [ilaala].
Abbaan fedhe, yoo hiriyaan keenya du’e amma oofanii hin dhiichisnu. Walaloosaa beeka, duudhaansaa na keessa jira, jara [maatii nama du’ee] ilaalee boo’a malee,[aadaa ganamaatiin gadda hin ibsatan].
Aadaa sana gadi lakkifnee gara maagalaatti deemne mitii? Namni maal naan jedhaan jira, ennaa tokko tokkommoo daguunis jira; Ijoollumti waggaa kudhaniin dura gara magaalotaa deeman, ‘edaa oofaniin in jiraa?’ jedhu” jechuun haala aadaan boo’ichaa oofanii irra jiru ibsu Gaashaaw.
Ammayummaafi jireenya magaalaa hordofuun akkuma jirutti ta’ee amantaanis oofaniin akka irraanfatamuu fi hafuuf dhiibbaa akka godhu himu namni kun.
Amantaaleen “duutumti mataansaa, boo’uudhumti sun, yoo akkanatti [faradoo] feete, yoo akkanatti [oofanii] dhiichiste akka nama Rabbiin nama sana [nama du’e] dheekkamuu, akka [inni] jeennata hin galleetti” waan ilaalaniif oofaniin hafaa, irraanfatamaa akka jiru himu.
“Namni du’ee amantaasaa maalinii?” jedhamee erga gaafatamee booda, “amantaa kan aadaa, kan ittiin dhalate sana [Waaqeffannaa] hin jijjiirre yoo ta’e” oofaniin akka dhiichifamuufis kaasu.
Amantaalee biroo biratti garuu, sirni boo’ichaafi awwaalchaa oofaniin otoo hin taane duudhaadhuma mana amantaatiin akka geggeeffamus himaniiru namni kun.
Bosonni Jibaat Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaat Magaalaa Shanan irraa km 8 fagaatee kan argamudha. Bosonni jibaat lafa iskuweer kiilomeetirii 12,000 ol uffisee kan argamuufi gosoota biqiloota garaagaraa 66 ol of keessaa qabaachuu isaa odeeffanneerra.
Kana malees bosonni kun akka madda tuuriziimiitti taajajila kennuun cinaatti bakka jireenya bineensoota gurguddoofi kanneen lafarra lohaan mukeenirra jiraatanfi kanneen biroollee ta'ee tajaajila jira.
Bosonni Jibaat Godina Shawaa Lixaa keessatti kan argamu aanaalee godina Shawaa Lixaa afur Daannoo, Noonnoo, Jibaat fi Liiban Jaawwii keessatti kan argamuudha.