1/29/2024

Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (kutaa 2ffaa)

Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (kutaa 2ffaa)

1. "Yaa Laalo sila naaf gootanii,
Harkaan qolataa 🤺🤺
Lukaan baqataa...!" 🏃‍♂️🏃‍♂️🏃‍♂️
jedhe Dammaqaa Lataa (Abbaa Muluu)
...
2. Isin isinuma!"🕺 jedhe Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa.
...
3. "Asis garagali; achis garagali; qe'eenoo kankeetii!" 😁 jedhe Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa.
.
4. 🥬 "Raafuu intala namaatuu nyaadheen galee, kaasi na duraa!"😁 jedhe Abbaan Mararaa (Abdiisaa Margaa)
.
5. "Ittuma siqi Wayyeessaa yaa kormakoo!" 🧙‍♂️ jedhe Abbaan Furgaasaa /Xuurii Qalbeessaa/
.
6. "Ilaa inni fardakoo nyaate isa kana!"🤔 jedhe Waaqumaa Gurmeessaa (Abbaa Lassee)
.
7. "Yaa gooftotakoo ishii kanammoo Abbaa Daaleetu isinitti dabale" 🧙‍♂️ jedhe Abbaan Furgaasaa/ Xuurii Qalbeessaa/
...
8. "Irroo yaa abbaa Xurunaa
Itti beekta durumaa!" 😐 jedhe Xurunaa Irreensoo (Abbaa Booraa)
...
9. "Irranaatu jedhemoo isa irranaatu jedhe?" jedhe Abbaan Mikkir.
.
10. 🐃 "Booqiteen omaa si finciluu didde mitii Abbaa Addunnaa?" Jedhe Dhiyanaa Dabalaa(Abbaa Cirrii)
.
11. "Omaa shish na hingoonee, buqqurii namatti qabi Gaddisee" jedhe Abbaan Addunnaa ( Itichaa Bifeessaa)
12. “Uffata akka abbaatti hodhu" 🤠 jedhe Ulfaataa Hirphasaa (Abbaa Gaatoo)
.
13. "Durattoo wayiifii, ammammoo maaliifi?"😕 jedhe Abbaan Taliiloo (Tolawaaq Magarsaa)
.
14. Duruu nan tolchee reenfatti fokkoruu!" jedhe Alamuu Injiguu (Abbaa Tarrafaa)
.
15. "Sagal sagal dhugnee nu qaqqabi!" Jedhe Dabaree Miidhaksaa.
...
16. "Isa qabuun 'dhabe' hinjedhani; hiyyeessaan 'dadhabe' hinjedhani; 🥺
qotee qabatee karra warra Abbaa Firaa, Firoomsaa duraa nama hindhabani; gooroo Laaloo taa'aniimmoo jecha hindhabani!"
Haadha Qophee/ Doshoo
.
17. "Eeguma Abbaa Booqee dideeyyuu, Waaqni hincaamu!" 🤠 jedhe Shallamaa Tasammaa (Abbaa Ayyalaa)
18. “Baddeetta yaa gadhittii, saanikee Ulaa Lubbuu geesse!" 😁 jette Dasii Gurmeessaa (Haadha Boruu)
*******
19. "Hinwayyooftaa sila yaa Araarsaa!"😁 jette Kitaabee Dhiyanaa (Haadha Abbabaa)




Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (Kutaa 1ffaa)

Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (Kutaa 1ffaa)

1. “Caboon maquma kooti
Cabittiitu cabsa kooti
Kan cabittii naan jette
Iddoo torbatti cabi
Ogeessa torba dhaqi
Torbanuu manaa dhabi
Siin jedheera Abbaan Gabii!"😁😁😁
👉(Injiguu Badhaasaa /Abbaa Gabii❩
2.“Kottee sangaa diimaa
Kottee sangaa diimaa
Yaa Abdiisaa Margaa,
Qoteet namaaf dhiisa!"😁
Jette qamaleen yaa'a Saarfajjii🐒🐒
👉❨Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa❩
3. "Gaafa hiyyeessi hindaaqqoo bitate, amma ishii jalaa ajjeesutti Waaqni rafee hinbulu." 🐔🥺🥺
👉❨Abarraa Ciibsaa)
4. 🐤"Cuucii hindaaqqoo firfaarii biddeenaatiin guddatteefi ijoolleen barakaa bunaa mi'eeffatte,🙋‍♂️ gaafa keessummaan dhufe manaa nama baafti."😁😁
👉 (Abarraa Ciibsaa)
5. "Biddeen dhabaaf malee, itti-nyaata dhabaaf jedhee eenyutu mana namaatti galee beeka?“🕴
👉 ❨Abarraa Ciibsaa❩
6. 🐕 "Sareen itti-nyaataan nyaattii kan akkatti kaattu!" 😕
👉❨Abarraa Ciibsaa❩
7. "Bunni intala namaa
Shiinum lama lama!" ☕️☕️
❨Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa)
8. 🤠“Labuuttan gala malee laguuttan gala na seetee!"😁
👉Waaqumaa Gurmeessaa/Abbaa Lassee
9. "Erga bokkaan caamee dondaa naaf fiddaa?“ 🏖 😕
👉 ❨Dassee Injiguu/Abbaa Boruu❩
10. " Boru sargii kootii, ani asiin ibidda qaqqaammadha!"🤠
❨Hirphaa Injiguu/Abbaa Lassee❩





1/27/2024

Warri soddaa intala heerumteen maal jedhenii arrabbsu?

 

Warri soddaa intala heerumteen maal jedhenii arrabbsu?

Kan akkashee argatte isheenoo
Akaafaan ejjata miinzeenoo
Shafaafaa muujaleen naannoo
Bargaanfataa dhufte kuunnoo...
Kan haati dhaltee
Kosii keessa keesse
Jaartiin qoortuun kuni
Akkamiin har'a geesse
Yeroo mana abbaakoo dhuftu
Maaltu boquu si cabse
Maaltu si qaanesse?
Ol jedhii natti himi
Eda Urroo dibattee
Diinqa harmee kee teessee
Maalfaa jettee boosse?
Yeroo ati gadditu...
Hiriyeen dhageessee
Firri fagoof dhiyoo
Kan walitti odeesse...
Akkas jettee boossee?
"Irraangadeen kufee
Irraanfadheen dhufee
Karaa kooraa jalaa
Moccooree moccooree
Ani maalan godhee?
Obboo kootoo godhee
Anoo fideen dhufee
Kooraa fardaatu fixee?
qoraan dhaqnaan badee
Kolaafamee badee
Boo'ee na kadhannaan
Innoo na mararran
Suubboof kenneen dhufee..."
Jedhee si'ii boo'u
Hundatu dhaga'ee
Ollaan yoo haasa'u.
Muka arbaa gaaddisa Leensee
Durbummaa gaaddisa keessee
Isafaa gaabbita teessee
Sii ofonfolee si fardatu godhee
hammi Gandaa si hobobsaa
munneen Kee dhiiga coccobsaa
Gidaamiin talbaa facaasaa
Inshilaala naannesseetoo
Injiraan sitti haa naqumee
Qinxiraama naannesseetoo
🙈
🙈
Kan funyaan cilaattii
Eessa Koo jibbitaa?
Kan wannoon gurraattii
Kan wandaboon udduurraan ciccitaa
Abidaaruu galatee..
Yoo si dhiisan maal qaba?
Kan si caalutu dhalatee
Gatamaan baala harcaafate
Eessaa fuute yaa Obbookoo
Gatamtuu biyyi irraanfate
😭
😭
Birriin obboo saanduqii tokkoo
Niitiin obboo waan silmii tokkoo
Egaa hin baddee yaa birrii obboo
😥

 Madda: Alex Taye





Warri soddaa gurbaa fuudheen maal jedhenii arrabbsu?

Warri soddaa gurbaa fuudheen maal jedhenii arrabbsu?

"Yaa soddaa Obboo sooressaa 
Soddaan argaa na dabarsaa
Diinqan darbaa na dabarsaa
Mana abbayyoo koo - mana abbaa hintalaa
Hoolaan aseentee - Gilgilii fixxee
Mana abbayyoo koo - mana abbaa gurbaa
Golfaan aseentee - sinkirii dhiqxe
Yoo sareen gamanaa dutte
Yoo sareen gamasii dutte
Soddichoo silaa dabeessaa
Gadi kaateee cufaa jabeessa
ol kaatee haadhatti odeessa
albaatiin goorroo balleessa
fincaaniin daaraa basseesa
Haa cabu dhiira shan keessaa!
Ari'aa asii balleessaa
kun gurra dhiiraa balleessa
Maaf lafa ilaalaa?
Silaa dhalaa dhaa?
Mee jala ilaalaa.
Maaf lafa ilaaltaa?
Sodaachuu feetee?
Maaf karaa ilaaltaa?
Baqachuu feetee?
Asiinooo anaa
Achiinoo manaa
Karaa kam baataa?
Hardhuma albaataa!
Albaatu hin harta
Hartu hin salphatta!
Hojjaa dheerattaa
Riqichaaf toltaa
Sirra adeeminnaa..
Garaa baldhattaa
Dinnichaaf toltaa
Sitti affeelinnaa?
Jiini aduu qabaa
Hinifuuf malee
Yoo ifes maali?
Ani oduu qaba
Hin himuuf malee
Yoon himes maalii?
Soddeen ulfaaye
Da'a wallaale
Yaa Maaram hiiki
Mucaa harkaa miidhi.
Waddeessa gaaraa
Fardeen jigsitee
Jalli awwaarofte;
Magan yaa sodde
Qaccee si jalaa
Nadheen jibbite
Garbi ayyaanofte
Baga qaanofte.
Aabbee soddaa koo
Alangaa raaftaa
Munnee na dhaantaa?
Otuu na dhaantee
Shantama baafta
Dhibbaan samaanta.
Shantamni koo ti
Dhibbi kan mootii
Yaa sodde mooji!
Durba hin fuutu yaa suubboo
Gatiin Keenya jaatama
uwwisaan torbaatama
Jedhee dhaame abbaan durbaa
Dhaggeeffadhu yaa gurbaa!
Cidhaan keen argee
Kan jilbaan qixxee
Nallee hin saalfattuu?
Saphii hin aaddattuu?
Cidhaan keen argee
Kan cittoon fixxee
hin sassaabbattuu
kan gad baafattu ?
🙈
Agadaa baala duroo
Inni akkas kooru kunoo
Garbicha Keenya duroo
Yaa hiree rooba ...Yaa hiree
Akka naan jedhee Soddaan Koo
"Haadha Koo beektaa?" Naan jedhe
Haadha isaa maalin wallaalee
dhaabii tamboo irra gugguuftii
Akka harree dhaltuu dhudhuuftii
Agadaa ishee mukaan Mukoo
Soddaa Koo ishee munneen bukoo
Itti buufaa hin bilcheessinaa
Sanyii namaan qixxeessinaa
Somaa eeboo cabaa
wayyoo eeboo dhabaa
Hiriyee koon dhabaa
Fudhatee sokka kunooyee
Agadaa qaaruutti nyaatuu
Soddaan Koo maal ta'ee jamaa?
Kan cidhaan kaasutti baatuu
Barbaree baala sukkaaraa
Akka waan qotee as kaa'ee
Marmaree maa itti cuqqaalaa?
Arangamaa baala daggalaa
Gad baaseen miicca surree Kee
Ol fuudheen dhiita munnee kee
Yaa Gufuu baala Eebichaa
Dhuufuuf jirta dhudhuuftichaa
Maaliif karaa na eegsista?
Akaayii garbuu Qorii fallaanaa
Ati akaakuu Hin qabduu
gurbaa sooromni Ayyaanaa...."



Madda: Alex Taye

 

 

👾 Top 20 AI Chatbots

 👾 Top 20 AI Chatbots 1. ChatGPT (https://www.chatgpt.com/) - Overall performance 2. Gemini (https://bard.google.com/) - Creative prompts  ...

popular posts